YAADANNOO GAARII HUNDEESSUU

YAADANNOO GAARII HUNDEESSUU Gaaf tokko jaarsi tokko taa’ee gaazexaa ganama sana maxxanfame tokko dubbisa ture. Otoo dubbisuu namoota du’an gaazexichaa irratti arge. Haala nama ajaa’ibuun, namoota du’aniiru jedha man sana keessaa tokko isa mataa isaa ture. Baay’ee na’e. Akka du’ee fi akka jiruu addaan baasuu hamma dadhabutti na’e. Booda yeroo bayyannatu wanta waa’ee isaaf barreeffame dubbisuu itti fufe. “Mootiin dimaamitii, daldalaan du’aa sun ni du’e!” jedha. Namichi meeshaa waraanaa
dimaamitii (Dynamite) jedhamu yeroo jalqabaaf kan abuure ture. Meeshaan sun garuu dhumiinsa
lubbuu namoota hedduuf sababa ta’ullee, inni garuu galii sana irraa argatuun jireenyi isaa baay’ee
fooyya’ee ture. Dureeyyota bebbeekamoo keessaas tokko ta’uu danda’eera. Meeshaa sana baay’isee
gabaaf akka inni hin dhiyeessine namoonni dhiibbaa irratti taasisuu yaalanii turan. Miidhama
malee bu’aa tokkollee dhala namaaf akka inni hin buufne ibsaniifii oomisha akka dhaabu hedduun
gaafataniru. Mormii cimaan isa mudatee ture.

YAADANNOO GAARII HUNDEESSUU

Inni garuu galii irraa argatu dhabuu waan hin barbaanneef, ittuma fufee meeshicha raabsuudhaan maallaqa hedduu irraa argate. Nama kana egaa ganama guyyaa tokko du’a ofii isaatii kan dogoggoraan gaazexaa irratti maxxanfame kan arge, tasgabbaa’ee yaaduu eegale. “Edaa erga ani du’ee booda addunyaan kun akkanatti na yaadattii? Nama du’a daldale naan jettii?” jedhe.

Mootiin dimaamitii

Yaadee qofa hin dhiifne, maal raawwachuu akka qabu yaadee tarkaanfii barbaachiisaa fudhate.
Du’aan utuu irraa adda hin ba’in addunyaa daldala du’aa jettee isa komatteef yaadannoo gaarii
tokko kaa’uun seenaa jireenya isaatii jijjiiruuf murteesse. Maqaa isaa isa du’a waliin kaafame
deebisee nagaa waliin akka kaafamu taasisuun guyyaa kana irraa eegalee waggaa waggaatti maqaa
isaatiin addunyaan kun namoota oolmaa gurguddaa isheef oolan akka badhaaftuuf maallaqa
guddaa ramade. Namichi kun eenyuu? Alfred Noobel! Kunoo hamma har’aatti waggaa waggaatti

Alfred Noobel! YAADANNOO GAARII HUNDEESSUU

namoonni hojiilee gurguddoo hojjetan biyya dhaloota isaatti kan argamu Dhaabbata Badhaasa
Noobel irraa yommuu badhaafaman maqaan isaa nagaa waliin ka’a. Seenaa du’aa seenaa nagaan
bakka buuse. ERGAA:
 Atis du’a kee booddee addunyaan kun maaliin akka si yaamtu itti yaadi!
 Yaada Gaarii hin taanees of keessaa baasi, isaa Gaarii ta’een bakka buusi!

#HEALTH

#DRAGSHOP

#PHARMASICY

1 thought on “YAADANNOO GAARII HUNDEESSUU”

Leave a Comment