“SI ARGUU HIN FEDHU”

SI ARGUU HIN FEDHU Ani garuu, ati ija tokkoon guddachuu irra ani ija tokkoon du’uu wayya jedheen ija koo tokko of keessaa baasisee siif arjoome”

SI ARGUU HIN FEDHU

Barataa tokkotu yeroo hunda haadha isaa jibba. Sababa haati isaa ijji ishee tokko qofa ta’eef
haadha ija tokkee qabaachuun isatti hin tolu. Yeroo hunda “ijuma kee kana arguu hin barbaadu
wayyaatiin maradhu!” jedhee harmee isaa kana argaa jibba ture. “Ati hiriyoota koo biratti na
qaanessita si arguu hin fedhu” jedha ture

ijuma kee kana arguu hin barbaadu SI ARGUU HIN FEDHU

Gaaftokko mana barumsaa inni baratutti ayyaana maatii barattootaatu kabajamuuf jedha.
Barattoonnis, maatii isaanii fudhatanii mana barnootaa deeman. Inni garuu harmee isaa dhoksee
qofaa isaa deeme. Haati isaa kunis nama irraa dhageessee, “mucaan koo otuu ani jiruu akkamitti
qofaa dhaabata” jechuun mana barumsichaa dhaqxee isa barbaaddee bira teesse. Innis akka isheen
hin dhufne waan beekuuf yommuu ishee argu na’ee, fuulli isaas gurraacha’e. “Ani ija kee arguu
hin barbaadu siin hin jennee?” jedhee achitti dhiisee bakka jijjiirrate. Yeroo sagantaan xumuramee
gara qe’eetti galuuf jedhanis harmeen isaa kun isa wajjin qajeelte. Mucaan ishees, “ati hiriyoota
koo biratti na qaanessite, ilma haadha ija tokkee jedhamuu irra otoon du’ee naaf wayya” jechaa
aaree boba’e. Barattoonni tokko tokkos “hey hey ijji haadha kee tokko garam dhaqee?” jechuun itti
qoosuu jalqaban. Innis kan duraa caalaa aaree gubate.

Gara manaatti galuu jibbee

Gara manaatti galuu jibbee biyya biraatti bade. Achittis turtii yeroo booda carraa barnootaa argatee gara biyya biraa deeme. Haati isaas abbaa manaa waan hin qabneef qofaa taatee baay’ee yaaddofte. Dhiphinaaf yaaddoo irraan kan ka’es ni dhukkubsatte. Mucaan ishee immoo barumsa xumuree hojii argatee jira. Bultii ijaarees abbaa ijoollee ta’e. Harmeen isaas sababa inni ishee jibbuuf mana isaa dhaquu sodaatte. Gaaftokko garuu murteessitee iddoo mana isaa nama gaafattee bira deemte. Akkuma mana isaa deemteen balbala rurrukutte. Mucaan ilma ishee yommuu balbala bantu jaartii ija tokkootu balbala irra
dhaabatti. Mucattiin sunis ni baqatte. Booda irra ilmi ishee gadi itti ba’ee, “ati maalumaaf jireeny

Mucaan ilma ishee yommuu SI ARGUU HIN FEDHU

kootti gufuu taataa jaartittii nanaa, ani si arguu hin fedhu siin hin jennee? Amma dafii ija koo duraa
badi!” ittiin jedhe. Isheenis waan gootu dhabdee gara qe’ee isheetti tirattee galte. Yeroo boodas
dhukkubnishee itti hammaate. Ilmi ishee kunis waa’een harmee kanaa garaa isa nyaachuu eegale.
Guyyaa tokko haadha warraa isaatiin, “guyyoota muraasaaf hojiif iddoo biraan deema” jechuun
ishee sobee mana haadha isaa dhaqe. Haati isaa yommuu isa argitu, “ishoo mucaa koo baga dhufte.
Ani akkuma ati argitu kana du’uuf qophiittin jira. Garuu osoo hafuurri na keessaa hin ba’in dhugaa
tokko sitti himuun fedha

“Ani kanaan booda si hin qaanessu, jireenya kees hin jeequ nagaan jiraadhu. Dhugaan jiru garuu,
yeroo ati daa’ima turte osoo taphattuu, mukaan of waraantee ija kee tokko balleessite. Anis ati ija
tokkoon guddachuu irra ani ija tokkoon du’uu wayya jedheen ija koo tokko of keessaa baasisee siif
arjoome. Ati garuu ijuma kootiin barattee bakka guddaa geessee, hamaaf gaarii hunda argitee,
ijuma kootiinis argaa koo jibbite. Kanas jaaladheen godhe, ammas nan si jaaladha. Nagaan taa’i!”
jechuun hafuura dhumaa baafatte addunyaa kana irraas lubbuu dhaan darbite

mukaan of waraantee

Mucaan ishee kun eelaa onnee horatee bara jireenya isaa guutuu dhukkuba gaabbii dhukkubsachaa
jiraate. Kanaafuu haati ofii haadhuma.

#SiArguuHinFedhu ,#சிஅர்கூஹின்ஃபெத்து,#Sih (The common shortened version)

#சிஹ் (Shortened version in Tamil)

#TamilTrends

#TamilViral

#TamilMemes

#TamilFunny,#NonsenseAlert

#WhatsThisNonsense (English translation)

#EnadaIdhu (“What is this?”)

#AamaPa (“Seriously, dude?”)

#VerumPe (“Just nonsense”)

#AethoIrruku (“Something is there” – sarcastically)

#MyReactionWhen,#CollegeLife

#SchoolDays

#FamilyDrama

#TrafficInChennai (A perfect situation for this phrase!)

#WorkProblems

#FriendsCircle

#TamilPundaiVetri,#Viral (For hoping the post goes viral)

#Reels (If used in an Instagram Reel)

#TrendingReels

#FunnyReels

#Comedy

#Relatable

#FYP (For You Page on TikTok/Reels)

#Explore

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Facebook comments

Slot Thailand