NAMICHA HIYYEESSAA FI IMALTOOTA Namicha hiyyeessa tokkotu baay’ee rakkachuu irraan kan ka’e gasoodhan lafa qotee midhaan facaafata. Imaltoonni wayii itti dhufanii “Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana gasoodhan qottee facaafta sitti hin ulfaatuu?” jedhaniin. Namichis “kunis ni darba” jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hin deebifne. Imaltootni sunis deebii namichaatti ajaa’ibsiifanii bira kutanii imala isaanii itti fufan. Waggaa muraasa booda namichi sun sooromee qabeenya horatee jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii.

Aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii kadhatanii buluuf ol galan. Taa’anii buna dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi hiyyeessi gasoodhan lafa qotu sun. Akkasitti baay’ee sooromuun isaa raajii guddaa itti ta’ee. Akamitti akkasitti sooromte garuu jedhanii yoo gaafatan “Kunis hin darba” ittiin jedhe namichi sooressichi sun.
KUNIS NI DARBA NAMICHA HIYYEESSAA FI IMALTOOTA
Isaanis achi bulanii daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi’anii otoo galuuf jiranii Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti. Goranii yoo maqaa ilaalan namicha sooressa mana isaa bulaniidha. Maqaa isaa jalatti jecha “KUNIS NI DARBA” jedhutu barreeffamee jira. lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan. Lafa qotuu san yaadatanii baay’ee ajaa’bsifatanii du’uu isaatti immoo gaddanii “ayii!” jechaa imala isaanii itti fufan. Ammas yeroo murtaa’en booda imaltootni sun yoo daandii sana irra dhufan siidan sun kaafamee daandii asphaaltii ta’ee jira.
ERGAA NAMICHA HIYYEESSAA FI IMALTOOTA
Yaa nama koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hin taane daandii jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti deemi! Wanti hin darbine akka hin jirre seenaa namicha kanaa irraa ni hubatta jedheen amana. Kanaaf imalli hundumtuu ni darba. Abdii hin kutin!
MILKAA’INA KEE LAGA CEESISI!
Namicha xiyyaara qulqulleessutu gaaftokko utuu teessuma paayileetii fuulduraa qulqulleessuu
maanuwaalii “Akkaataa Xiyyaara Balaliisan Qabiyyee tokkoffaa” jedhu argee xiqqoo waan
barateef dubbisuu eegale.
▷ Kutaa tokkoffaa mootora kaasuuf button diimaa kana press godhi jedha. Akkasumas godhe
mootorris ka’e namichis baay’ee gammade.
▷ Kutaa lammaffaa yeroo dubbisu xiyyaara kaasuuf button keelloo press godhi jedha.
Akkasumas godhe. Innis ni gammade.
▷ Kutaa sadaffaa yeroo dubbisu xiyyaara balaliirra tursiisuuf yookiin qilleensarra tursiisuuf
button magariisa press godhi jedha. Akkasumas godhe. Amma namichi kun qilleensarra jira. Ittis
toleera.
▷ Amma immoo qubachuu barbaadee kutaa Arfaffaaa yeroo banu, hanga ammaatti waan
dubbiftaniif galatoomaa. Akkamitti akka qubachiiftan immoo kitaaba qabiyyee lammaffaan
qabannee walitti deebina jedha.
#AFAANOROMOMUSIC
#ETHIOPIAMUSIC
#DOLLARS
