GAARUMMAA NAMAAF GOCHUU

GAARUMMAA NAMAAF GOCHUU Kaffaltii mana barumsa isaa kaffaluuf mucaan harka qal’eessi tokko mi’a adda addaa. Mana irraa manatti naanna’ee gurgura ture. Guyyaa tokko garuu mucaan kun baay’ee beela’e, garuu nyaata bitatee akka beela hin baaneef maallaqa tokko iyyuu hin qabu. Waan godhu wallaale, mana namaa gaafatee yoo argate nyaachuufis murteesse. Akkuma akeekkate dhaqee balbala mana namaa deemee rurrukutuu eegale. Gaafa balbala tokko lama dhabee darbee sadaffaa rukutu mucaa bareedduu haalaan baay’ee kan nama hawwattu balbala bantee. “maal si gargaaru jetteen! aa aaa aa jedhee nagaa gaafate. Miirri qaama isaa hundinuu bareedina ishee dhaan hatamee beela’uu
isaa iyyuu dagatee bishaan dheebodhee bishaan naaf kenni jedheen. Isheenis tole jettee gara manaa
ol seentee.

Bishaan dhiistee aannan fiddeef GAARUMMAA NAMAAF GOCHUU

innis gammachuudhaan dhugee beela isaaf dheebuu wal duuka itti ba’e. Isaan boodas akkas jedhee ishee gaafate sagalee cirachaa,.. “meeqa kaffaltiin ana irraa qabdu?” jedhee ishee gaafate isheenis kolfitee “haati koo yommuu gorsaan na. Soortu jechuun koos akka na guddiftetti NAMAAF GAARII. GODHI garuu gatii fudhachuu nama irraa hin eegin naan jetti” ittiin jetteen Innis gammachuudhaan ishee galateffatee nagaa itti dhaamee deeme. Ajaa’iba waan cimaan barejechaa ofirra ilaalaa qaari’e. Silaa yeroon hin taa’u, yeroo xixiqqoon walitti daddabalamanii waggoota hedduu dabarsu. Akkuma amala isaatii of gargaaraa barnootaanis guddachaa deeme. Waggoota dheeraa boodas doktorii fayyummaa namaa eeguu fi nama guddaa baay’ee kabajamuu fi itti gaafatamummaa guddaa qabu ta’e.

ofirra ilaalaa qaari’e

Yeroo tokko akka tasaa mucaan tokko akka dhukkubsachaa jirtu narsii hospitaala tokkoo eessaa tokko itti himte. Akka baay’ee dhukkubsattee fi dhukkubni ishee immoo baay’ee akka ishee irratti cimaa deeme dhaga’e. Innis maqaan ishee eenyuu akka ta’eef bakka isheen jiraattu narsii sana gaafate. Narsiin sunis waa’een nama sanaa baay’ee waan itti dhaga’ameef odeefannoo ishee dhukkubsattee fiddeef. Gaafa kana ilaalus namni kun nama yeroo dheeraa dura beela isa baaftedha. Amma garuu isheen bultii ijaarrattee jirti garuu guyyaa keessa dhukkubni gadi ciibse. Kana irratti naasuudhaan mana yaalaa sana keessa narsoonni jiraniif doctoroonni jiran dhihoodhaan akka isheetti siqanii wal’aananif ajaja dabarse, deemees ilaale. Guyyaa dhaa guyyaatti itti fooyya’ee mana yaalaa sana keessaa ba’uu geesse.

Haa ta’u iyyuu malee sababii yeroo dheeraa mana yaalaa
keessa ciifteef yaaddoon ishee qabe. Yaaddoon ishees, “kaffaltii mana yaalaa ittiin ciiste kana
akkamitti kaffaluu danda’a?” jettee dhiphatti turte. Innis erga isheen fayyitee of bartee bira deemee
gammadeefii, “Na yaadattaa?” ittiin jedhe isheenis mmmmm lakki isin hin yaadadhu jetteen

#followersreelsfypシ゚viralシ

#fypシ゚viralシalシfollowers

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Facebook comments

Slot Thailand